Dhaabbanni Woorld Viizhiin Ityoophiyaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4 ol taasise
Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Woorld Viizhiin Ityoophiyaa jedhamu lammiilee naannoo Amaaraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii magaalaa Dabaarqii fi Daabaatitti argamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 2 ol taasiseera.
Deeggarsichi lammiilee waraana garee shororkeessaan ABUT baneen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif ta’uu ibsameera.
Dhaabbatichi lammiilee Goondar kaabaa fi Kibba akkasumas bakkeewwan birootti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuu ragaan Waajjira kominikeshinii Goondar Kaabaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.