Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni ‘WhatsApp’ Biraazilitti tajaajila kaffaltii dijitaalaa kennuu jalqabe

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Dhaabbanni ‘WhatsApp’ Biraazilitti tajaajila kaffaltii dijitaalaa kennuu jalqabe.

‘WhatsApp’ beekamtii argachaa dhufuusaa fayyadamuun tajaajila kaffaltii dijitaalaa Biraazilitti jalqabe.

Abbaa qabeenyaa appiilikeeshinii ‘WhatsApp’ kan tahe dhaabbatni Feesbuuk tajaajila daldala dijitaalaa babal’isuu waan fedhuuf murtoo kana fudhate.

Tajaajilli haaraa kun namoonni qarshii akka walitti erganii fi meeshaalee gatii guddaa hin baasne akka bitaniif isaan fayyada.

Baatii Amajjii keessa hogganaan Feesbuuk Maark Zuukarbarg tajaajila kana Indiyaa, Indooneeziyaa fi Meeksikoo keessatti jalqabuuf karoora baasee ture.

‘‘Gara fuulduraatti fayyadamtoonni fi daldaltoonni tajaajila feesbuukii marattii kaardii maallaqaa wal fakkaataan akka fayyadaman gochuu yaadne,’’ jedheera.

Qarshii namaa namatti walii erguun bilisa yoo tahu daldaltoonni garuu kaffaltii fayyadamtootaa argachuuf qarshii hangi tahe irraa kutama.

WaatisAppiin Biraazil keessatti fayyadamtoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 kan qabu yoo tahu, kunis Indiyaatti aanuun biyya fayyadamtoota baayyee qabdu taasisan.

Dhaabbatichi tajaajila kaffaltii kana Indiyaa biyya fayyadamtoota miiliyoona 400 qabdu keessatti jalqabuuf boodatti harkifachaa ture.

Mootummaan biyyattii tajaajila WaatsAppii kana jalqabsiisuuf waggaa lamaaf boodatti hambisaa ture.

Ji’a Ebla keessa garuu Feesbuukiin garee teleekoomii Indiyaa Rilaayaans Jiwoo irraa gahee qabeenyaa harka 10 Doolaara biiliyooana 5.7 bitachuu himateera.

Dhaabotni lameen kun dhaabbata, daldala JioMart jedhamurratti wal tumsuuf waliigalaniru.

Baatii darbe keessa Feesbuukiin inveestimentii hangisaa hin beekamiin Indooneeziyaatti eegaleera, kunis tajaajila geejibaa Goojeek jedhamu jalqabufi.

Feesbuukiin Doolaara biiliyoona 20 baasuun WaatisAppii bara Faranjoota 2014tti bite.WaatisAppiin akka addunyaatti fayyadamtoota biiliyoona lamaa ol qaba.

maddi: BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.