Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tuurki lammiilee Ityoophiyaa balaa lolaan miidhamaniif kan oolu galteewwan nyaataa toonii shaan deeggarsa taasise

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Tuurki lammiilee Ityoophiyaa balaa lolaan miidhamaniif kan oolu galteewwan nyaataa toonii shaan deeggarsa taasisuu Ministeerri Daa’immanii, Dubartootaa fi Dargaggootaa FDRI beeksise.

Dhaabbanni Tuurk Yaapii Markaaz jedhamu lammiilee Ityoophiyaa balaa lolaan miidhamaniif kan oolu galteewwan nyaataa toonii shaan waajjira ministeerichaaf laateera.

Mootummaan Tuurk wayita rakkisaa kanati mootummaa Ityoophiyaa cinaa ta’uun deeggarsa taasisan aadde Filsan Abdulaahii galateeffataniiru.

Wal harkaa fuudhinsa meeshaalee kana irratti kan argamaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Tuurkii Yaapilaak Alpii hariiroon biyyoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.