Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tola Oltummaa Giloobaal Laayfi meeshaalee yaalaa fi covid-19 ittisuuf gargaruu Birrii miiliyoona 33 tilmaamamu deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Tola Oltummaa Giloobaal Laayfi jedhamu Kooriyaa Kibbaatti argamu meeshaalee yaalaa fi covid-19 ittisuuf gargaruu Birrii miiliyoona 33 tilmaamamu deeggarsa taasise.

Dhaabbanni Tola Oltummaa Giloobaal Laayfi jedhamu Kooriyaa Kibbaatti argamu meeshaalee yaalaa fi covid-19 ittisuuf gargaruu Birrii miiliyoona 33 tilmaamamu Ministeera Fayyaaf deeggarsa taasise.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa deeggarsicha ilaalchisuun ibsa laataniiin deeggarsichi yeroo qormaataa biyyi keenyi keessa jirtu ba’uu fi hojii ijoo akka biyyaatti hojjennu ga’ee qabaachuu ibsaniiru.

Bakka Bu’aan Dhaabbata Giloobal Laayfi Koloneel Dooktar Abrahaa Digaafuu bu’uuruma fedhii damee fayyaa biyya keenyaan taasifachuun kan arjoomame ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.