Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni tajaajilaa geejjibaa hojjettoota Paablik Sarvisii hojjettoota isaaf  Jiminaazyeemii ammayya’aa fayyaa fi sochii qaamaf hojjetee eebisise 

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Dhaabbilee mootummaa fi dhuunfa hojjettootarra saxilamummaa dhukkuboota daddarboo taanee hir’isuuf naannoo mijataa fi gaarii uumuu qabu jedhameera.

Dhaabbanni tajaajilaa geejjibaa hojjettoota Paablik Sarvisii hojjettoota isaaf jiminaazyeemii ammayya’aa fayyaa fi sochii qaamaf hojjetee eebbisiseera.

Ityoophiyatti waliigala namoota du’aan keessaa %52 ol sababa dhukkuboota daddarboo hin taaneen ta’u ragaan ni muul’dhisa.

Rakkichi sababni baldhateef hojjettoonni biiroo sa’atii dheeraaf ta’anii waan hojjetaniifi sochii qaama waan hin taasifneef dhukkuboota daddarboo hin taanee ni saaxilamu.

Sababa kanaaf dhibee daddarboo hin taanee kannen akka sukkaraa, dhibbaa dhiigaa fi kanneen biroof akka saaxilamaan ogeessoonni fayyaa fi sochii qaama ni ibsu.

Dhaabbanni tajaajilaa geejjibaa hojjettoota Paablik Sarvisii rakkoowwan akka kana hambisuuf hojjetoota isaa bakka sochii qaama ga’aan itti tasifamuu hojjeete har’a eebisiseera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.