Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tajaajila Poostaa Ityoophiyaa lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Mudde 4, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Tajaajila Poostaa Ityoophiyaa lammiilee qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aniif deeggarsa akaakuu garagaraa Birrii miiliyoona 8.5tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichas hoji raawwachiiftuun Dhaabbata Tajaajila Poostaa Ityoophiyaa aadde Haannaa Ari’aayaan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawwaasummaa Dooktar ErgoogeeTasfaayeetti kennaniiru.

Aadde Haannaan, dhaabbatichi kana dura raayyaa ittisa biyyaa deeggarsa taasisuu ibsuun gara fula duraatti cimee kan itti fufuu ta’uu himaniiru.

Haaluma wal fakkatuu Lammiilee sababa waraanaatiin buqqa’aaniifis Ameerikaa bulchiinsa Arizoonaatti doolaarri Ameerikaa kumni 100 fi kumni 10 walitti qabameera.

Koolleejjiin Meedikaala Miiliniyeem Hoospitaala Qiddus Phaawuloos Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa Walloo irratti argamaniif Birrii miiliyoona 3 olitti kan tilmaamamu uffatawwan qorraa kuma 6 deeggarsa taasiseera.

Maddi:-TOI fi OBN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.