Dhaabbanni Sawuud Arabiyaa Dizaarti Teeknooloojii Ityoophiyaatti misooma anniisa aduurratti bobba’uufi
Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Sawuud Arabiyaa Dizaarti Teeknooloojii Ityoophiyaatti misooma anniisa aduurratti bobba’uuf fedhii akka qabu beeksise.
Hooggantoonni dhaabbatichaa Ityoophiyaatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii’ateera.
Marichi dhaabbatichi Ityoophiyaatti buufataalee yaalii hundeessuu fi dhimmoota kanaan walqabaturratti kan xiyyeeffatedha jedhame.
Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii bakkeewwan proojaktii sadi yoo filatu, dhaabbatichi gara hojiitti galuuf madda galii ni barbaada jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.