Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hojmaataa loogiirraa bilisa ta’e diriirsuu qaba jedhame

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fooyya’iinsa hojmaataa loogiirraa bilisa ta’e kan isa barbaachisu ta’uu Inistiityuutii Dhimmoota Tarsiimootti qorataan hariiroo idil addunyaa Dooktar Heenook Geetaachaw ibsaniiru.

Fooyya’iinsi taasiifamu haala siyaasaa yeroo ammaa giddu galeeffatee fi  biyyoota addunyaaf sagaleen haqa qabeessi itti dhaga’amuu danda’uun taasiifamuu qaba jedhan.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii har’a yeroo 12ffaaf dhimma Ityoophiyaarrattu marii ni taasiisa.

Yuunaayitiid Kiingidama, Ameerikaa, Ayarlaand, Faransaay, Noorweey fi Istooniyaan biyyoota mariin kun akka gaggeeffamu gaaffii dhiyeessaniidha jedhame.

Inistiityuutii Dhimmoota Tarsiimootti qorataan hariiroo idil addunyaa Dooktar Heenook Geetaachaw Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii marii dhimma Ityoophiyaarratti irra deddeebiin yaamuun fedhii siyaasaa biyyoonni Lixaa dhaabbatichatti fayyadamuun taasiisan agarsiisa jedhan.

Biyyoonni kunneen Ityoophiyaa dadhabsiisuuf fedhii siyaasaa isaanii guuttachuuf dhaabbatichatti dhimma bahaa jiraachuu agarsiisa jechuun ibsaniiru.

Biyyoonni Lixaa fedhii siyaasaa isaanii guuttachuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee idil addunyaa biroo akka meeshaa siyaasaatti fayyadamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Bara Faranjootaa 1945 wayita hundaa’u  fedhii biyyoota waraana addunyaa 2ffaa injifatanii bu’uura godhachuun kan hundaa’e ta’uu Dooktar Heenook eeraniiru.

Dhaabbatichi waggoottaan kurnan sadan darban fedhii siyaasaa biyyoota guddatanii muraasa qofaaf tajaajilaa turuu himaniiru.

Hojmaanni dhaabbatichaa fedhii siyaasaa biyyoota addunyaa 190 bakka kan hin buune ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi nageenyaa fi tasgabbii addunyaa mirkaneessuuf hundaa’uus yeroo ammaa hojii faallaa ta’e hojjechaa jiraachuu Dooktar Heenook eeraniiru.

Keessattuu murtoon Manni Maree Nageenyaa dhimmoota Afrikaarratti dabarsaa ture nageenya buusuu caalaa rakkoo nageenyaa hammaataaf saaxiluu dubbataniiru.

Afrikaa dabalatee biyyoonni Mana marichaa keessatti teessoo dhaabbii hin qabne haala hammatun hojmaanni isaa fooyya’uu akka qabu kaasaniiru.

Barreessaa olaanaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii  duraanii Kofii aanaa dabalatee Biraaziin, Jaappaan, Hindii fi Jarman hojmaata haala siyaasaa yeroo ammaa bu’uura godhate fooyyessuuf tattaaffii taasiisaa turuu eeraniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.