Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii biyyoonni sadeen dhimma hidha haaromsaarratti garaagartee gidduu isaanii mariin akka hiikkatan hubachiise

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –  Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii biyyoonni sadeen dhimma hidha haaromsaarratti garaagartee gidduu isaanii mariin akka hiikkatan hubachiise.

 

Dhaabbatichi Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan dhimma hidha haaromsaa ilaalchisee garaagartee gidduu isaanii jiruu karaa nagaan akka hiikkataanii fi waliin akka hojjetan ibseera.

 

Dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii Isteefan Jaark yaada kennaniin biyyoonni sadan garagartee gidduu jiru mariin hiikkachuu akka qaban himaniiru.

 

Isteefan Jaark biyyoonni sadeen bara faranjoota 2015 dhimmaa Hidha Haroomsaa irraatti garagarummaa qaban akka seerri idil Addunyaa jedhuu irraatti hundaa’uun rakkoo isaanii hiikaachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.