Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 65 gadi lakkise
Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaarri miiliyoonni 65 akka laatamu murteesseera.
Dhaabbatichi Ityoophiyaatti lammiilee sababoota garaagaraan tajaajila dhiyeessii nyaataa, iddoo jireenyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila yaalaa isaan barbaachisu akka argataniif deeggarsa kana taasiisuu ragaan Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa argame ni agarsiisa.
Maallaqni guyyaa har’aa gadi lakkifame kun lammiilee Ityoophiyaa miiliyoona 16f deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Deeggarsa gadi lakkifame keessaa Doolaarri miiliyoonni 40 naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif kan oolu yoo ta’uu, kana hafe kutaalee biyyattii garaagaraatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif oola jedhameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.