Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Miti Mootummaa HUMAN BRIDGE Hospitaala Rifeeraalaa Yuniversitii Amboof Deeggarsa Meeshaalee Yaalaa Dhukkubsattootaaf oolu Qarshii Miiliyoona 7 Olitti Tilmaamamu Gumaache

Finfinnee, Mudde 1, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Miti Mootummaa HUMAN BRIDGE Hospitaala Rifeeraalaa Yuniversitii Amboof Deeggarsa Meeshaalee Yaalaa Dhukkubsattootaaf oolu Qarshii Miiliyoona 7 Olitti Tilmaamamu Gumaache.

Daarikterri Hospitaalaa Rifeeralaa Yuniversitii Amboo Dooktar Guddataa Imaanaa deeggarsi kun biyya Swiidiin irraa kan dhufe ta’uu fi tajaajila saffisaa fi qulqulluu hawaasaa keenyaaf kennuuf kan tajajjilu jedhan.

Deeggarsi argames siree ciisichaa ammayyaa’aa fi meeshaalee yaalaa teeknooloojiin deeggarame garagaraa qarshii Miiliyoona 7 ol baasuu ta’uus himaniiru.

Dooktar Guddataan Hospitaallichi hospitaala sadarkaasaa eeggatee ummata Lixa Oromiyaa keessa jiran tajaajiluuf ijaarsa dabalatee hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dooktar Abdurqaadir Galgaloo Itti Aanaan Biiroo Fayya Oromiyaa tajaajila yaalaaf dhaabbileen deeggartootaa hedduu murteessaadha.

Hospitaala kanaf X-Ray Ilkaaniis ni kennina; Lixa Oromiyaaf Hospitaala Riiferaalaa akka ta’uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Obbo Addaamuu Aalleliny hoogganaa dhaabbata HUMAN BRIDGE Ityoophiyaa kan ta’an biyya seenaa qabeettii Amboof deeggarsa yaalaa kana fiduuf hedduun gammadaa jedhan.

Hojiilee misoomaa biyyatti hunda keessatti ni hirmaanna, Hospitaalota naannoo Amboo jiran hundaaf deeggarsa meeshaalee yaalaa ni taasifnaa jedhaniiru.

Dooktar Taaddasee Qaana’aa preezdaantiin Yunivarsitii Amboo deeggarsa dhaabbatichi taasise galateeffachuun, sochiin waggoota lama keessatti taasisaa jirru tajaajila fayyaa hawaasa keenyaaf hedduu murteessaadha jedhan.

Babal’ina Hospitaalichaafis qarshii Biiliyoona1.7 oliin ijaaraa jiraachuus himaniiru.

Daabbanni Miti Mootummaa Human Bridge Hospitaalota godina Shawaa Lixaa jala jiraniif deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisuuf walii galtee mallatteeseeera.

Akka ragaa kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarra arganne muldhisutti, waliigaltee kana kan mallatteessan Dooktar Abdurqaadir Galgaloo Itti aanaa Biiroo Fayya Oromiyaa, Dooktar Taaddasee Qaana’aa preezdantiin Yunivarsitii Amboo fi Obbo Addaamuu Aalleliny hoogganaa dhaabbata HUMAN BRIDGE Itiyoophiyaa waliin yuniversitii Ambootti walii galteen mallatteesaniiru.

Meeshaaleen kunis kontiineraan:

1. Hospitaala Riferaalaa Yuniversitii Amboof 2
2. Hositaala Walii Galaa Amboof 2
3. Hospitaala Gindabaratiif 2
4. Hosptaala Baakkoof 1
5. Hospitaala Gudariif 1
6. Hospitaala Incinniif 1
7. Hospitaala Geedoof 1

Deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisuu kun bara faranjootaa 2020 tti hospitaalota kanneen kan dhaqqabu ta’uu Obbo Addaamuun himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.