Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Misoomaa Kaatoolikii Maqii namoota balaa lolaan miidhaman deeggare

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Misoomaa Kaatoolikii Maqii namoota balaa lolaan miidhamanii fi harka qalleeyyii kuma 1 fi 500 ta’aniif deeggarsa taasise.
 
Dhaabbatichi namoota balaa lolaa hara dambanii fi harka qalleeyyii sababa weerara vaayrasii koronaan rakkoo garaagaraf saaxilamaniif deeggarsa adda addaa taasiseera.
 
Dhaabbatichi Daakuu qamadii kuntaala 750 fi
Zaayta liitira kuma 3 abbaa warraa kuma 1 fi 500f Birrii miiliyoona 2 olin bituun deeggaruu isaa
Daayreektarri Dhaabbata Misooma Kaatoliikii Maqii Dooktar Aabbaa Gobozaayyoo Geetachew himaniiru.
 
Dhaabbatichi yeroo gammachuu qofa osoo hin taane yeroo rakkoos uummata waliin jira jedhame.
 
Akka OBN gabaaseetti, dhaabbatichi tajaajila hawaasummaa garaagaraa jiraattotaa godinaalee Arsii lamaanii, Shawaa Bahaa fi godina addaa Alaabaaf laachaa jira.
 
Dhaabbanni kun dhaabbilee miti mootummaa keessa dhaabbata hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechaa jiruudha jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.