Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Misooma Waliigalaa Madda Walaabuu ayyaanaa Arafaa sababeeffachuun horii qalmaa deeggarsa taasiise

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) –Dhaabbanni Misooma Waliigalaa Madda Walaabuu Horii qalmaa kuma 40 mootummaa Turkii irraa deeggarsaan argate ayyaana Arafaa sababeefachuun hawaasa Musiliimaa harka qalleeyyiif deeggarsa taasiiseera.
Hawaasa Musiliimaa Naannoo Soomaalee irraa buqqa’uun Magaalaa Bishaan Gurraachaa qubataniif Horii qalma kuma 1 dhiheessuu Daayreektarri Dhaabbata Misooma Waliigalaa Madda Walaabuu fi abbaan Reel Isteetii Aal’amiin obbo Al’amiin Ahimad ibsaniiru.
Mootummaan Turkii bara baraan ayyaana Arafaa irratti Hawaasa Musiliima Ityoophiyaaf sadaqaa jaalalaa fi obbolummaa Ummattoota biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uu bakka bu’aan mootummaa Turkii Mistar Kaayaan Hasan ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti Aadaan walgargaaruu namoota duniyaa qaban hunda biratti baratamuu akka qabus mistar kaayaan hubachiiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.