Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni “Meenshin foor Meenshin” Deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasisee

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Dhaabbanni “Meenshin foor Meenshin” hongee Godina Booranaatti mudateef deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 100 olitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsi taasifames atara kuntaala 255, daakuu boqqolloo kuntaala kuma 2 fi 510, zayita liitira kuma 8 fi 400, nyaata madaalawaa daa’imman waggaa shanii gadii, haadholii ulfaa fi harma hoosisaniif kan oolu kuntaala 265 taasiseera.

Kana malees, hawaasni godinichaa deeggarsa keessaa ba’uun midhaan nyaataan akka of danda’uuf sanyii boqqolloo ji’a sadiitti gahu kuntaala 200 fi xaa’oo kuntaala kuma tokko bitee raabsuuf qophii xumuruu dhaabbatichi himeera.

Sirna walharkaa fuudhiinsaa raawwatamerratti Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolosaa Gaddafaa waamicha mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaabilee miti mootummaaf simachuun birmannaa dhaabbatichi taasiseef galateeffataniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti, karaa iftoomina qabuun akka ummata bira gahu Biiroon Maallaqaa fi Buusaa Gonofaan kan waliin hojjetan ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.