Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Maayikiroosofti Tiktokiin dhuunfachuuf jedhame

Finfinnee, Amajjii 20, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Maayikroosooft TikTok bitachuuf marii irra akka jiru ibsan.

Gurgurtaa appii miidiyaa hawaasaa kanaa irratti ”waraana caalbaasii” arguu akka barbaadan himaniiru.

Dhaabbanni teeknooloojii Ameerikaa guddaan kun caalbaasii qopheessaa jiraachuu fi dhiisuu isaa gaazexeessitootaan yeroo gaafataman, “Eeyyee nan jedha” jechuun deebisanii “fedhiin guddaan TikTok” irra akka jirus itti dabalaniiru.

Tiraamp fi kan isaan dura turan Joo Baayiden lamaan isaaniiyyuu waggootaaf dhaabbata Chaayinaa haadhoo TikTok kan ta’e ‘Byte Dance’ jedhamu nageenya biyyaalessaa isaanii irraa ka’uun hojii Ameerikaa keessatti hojjetu akka gurguru dirqisiisuuf yaalaa turaniiru.

Tiraamp kana kan jedhan yeroo ajaja hojii raawwachiiftuu torban darbe mallatteessanii turan uggura Bulchiinsi Baayiden TikTok irratti kaa’ee ture yeroo gabaabaf kaasuuf murteessan ture.

Uggura kaa’amee ture sanaan lammiileen Ameerikaa Tiktok fayyadaman miiiliyoona 100 fi miiliyoona 70 tajaajila dhabsiisee akka ture ni beekama.

Tiraampi, uggura kana TikTok irraa guyyoota 75f yoo kaasanillee, Baayit Dance Tiktok’n akka gurguruuf dhiibbaa gochuutiin pirezidaantii jalqabaa isaan taasiseera.

Hagayya 2020tti, ByteDance Microsoftittiin akka waan bitatuutti itti dhiyaatee kan ture yoo tahu, hogganaa olaanaan Dhaabatichaa garuu kun waan haaraa dha jechuun deebisani akka turan BBc’n gabaaseera.

Boodarras Tiktik Dhaabbata Orakil michuu isaa jabaa godhachuuf yaalullee sunis osoo hin milkaa’in hafeera.

Tiraamp kanaan dura TikTok bitachuuf qaamolee hedduu waliin mari’achaa akka turan kan dubbatan yoo ta’u, guyyoota 30 dhufan keessatti egeree appii kanaa irratti murtee ni kennuun eegama.

Dubbi himaan dhaabbata Microsoft dhaabbatni isaanii ammatti dhimma kanarratti waan jedhu akka hinqabne BBCtti himaniiru.

Wixata darbe Pireezidaantiin Ameerikaa anga’oota siyaasaa Rippabilikaanotaa Filooriidaatti walitti qabamaniif haasawa taasisaniin waa’ee gurgurtaa TikTok yaadame dubbataniiru.

“Waan ta’u ni ilaalla. Namoota baay’ee caalbaasii kana irratti hirmaachisuuf jirra” jedhan.

Itti dabaluunis, chaayinaan dhimma kana keessatti hirmaachuu dhiistus, Sagalee barbaannu yoo argannee fi hojii barbaadamu yoo hojjenne hirmaannaa Chaayinaa hinbarbaannu jechuunis ibsuun, waan tahuu malus ilaaluuf akka jiran dubbachuu isaanii BBctu gabaase.

Yuutubera cimaa addunyaa kanaa Jimmy Donaldson dabalatee investeroonni hedduun caalbaasii kanatti hirmaachuuf fedha argisiisaa akka jiranis beekuun danda’ameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.