Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Hind; Afriikaab Ityoophiyaatti invast gochuu akka barbaadu ibse.

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Hind; Afriikaab Ityoophiyaatti invast gochuu akka barbaadu ibse.

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Dooktar Akliiluu H/mikaa’eel hoggansa Afriikaab waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni dhaabbatichaas dhaabbanni isaanii Ityoophiyaatti invast gochuu akka barbaadu ibsaniiru.

Dhaabbatichi biyyoota Afrikaa addaddaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uun beekamaadha.

Dhaabbileen Hind hedduun Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’anii akka jiran kan himan ministir deettichi, Afriikaabis Ityoophiyaatti invast osoo godhee fayyadamaa kan ta’u ta’uusaa ibsaniiru.

Daayreektarri gabaa alaa dhaabbatichaa Dooktar Sheek Yasufaalii Amiin dhaabbanni isaanii Taanzaaniyaa, Keeniyaa fi Zaambiyaatti invast gochuusaa ibsaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.