Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksiii hojiilee tola ooltummaa Birrii miiliyoon 132 ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksiii hojiilee tola ooltummaa Gannaa Birrii miiliyoona 132 ramaduun hojii eegaluu ibse.

Dhaabbatichi bara kana kutaalee biyyaatti garaagaraa keessatti biqiltuuwwan faayidaa diinagde garagaraa qaban Kuma 30 ol dhaabuuf karoorfatee hojjecha ajiraachuu ibseera.

Dabalataanis lammiilee harka qal’eeyyiif mana ijaaruu dabalatee oolmaa daa’immaniis Magaalaa Dirree Dhawaatti Ijaaruuf sochii taasisaa jiraachuu Itti Aanaan Hojii Raawwachiisaa Dhaabbata Geejiba Galaanaa fi Loojistikii Itoophiyaa Obbo Mirataab Takiluu dubbataniiru.

Guyyaa har’aas Buufata Terminaalaa Dirree Dhawaatti biqiltuu dhaabuu fi Ijaarsa Oolmaa Daa’immanii Mana Barumsaa Gadaansaar Sadarkaa 1ffaa keessa dhagaa bu’uuraa kaa’ameera.

Itti Gaafatamtuun Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mahaammed, dhaabbatichi, dhaloota barsiisuun hojii ijaarsa biyyaa adda duree ta’uu ibsaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.