Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo Chaayinaan haala ka’umsa vaayrasii koroonaarratti taasiftu kan deeggaru ta’uu beeksise

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo Chaayinaan haala ka’umsa vaayrasii koroonaarratti taasiftu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Qorannoon gaggeeffamu ilaallee siyaasarraa kamiiyyuurra bilisa fi mala saayinsaawaan ta’uu akka qabu dhaabbatichi haal duree kaa’era jedhame.

Chaayinaan haala ka’umsaa fi weerara vaayrasii koroonaa dhoksite jechuun Ameerikaan irra deddeebiin komachaa jirti.

Chaayinaan gama isheen, ka’umsi vaayrasichaa Chaayinaa ala akka ta’e gabaasteerti.

Chaayinaatti torbee kana namni vaayrasii koroonaan qabames ta’e kan du’e hin jiru jedhame.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.