Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa naannoo Tigraayitti deeggarsa qorichaafi galtee yaala fayyaa meetirk toonii 70 taasise

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa naannoo Tigraayitti deeggarsa qorichaafi galtee yaala fayyaa meetirk toonii 70 taasisuu dameen dhaabbatichaa Shireetti argamu beeksiseera.

Deeggarsichi dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan barbadaa’an dandamachiisuufi rakkoolee galtee yaala fayyaa hambisuuf taasifamuu ibsameera.

Dhaabbatichatti qindeessaan damee Shiree Dooktar Booniifeesee Ambaaniin, dhaabbilee fayyaa cimsuuf naannolee Amaaraa, Affaariifi Tigraayitti deeggarsi taasifamuu eeraniiru.

Deeggarsi yeroo ammaa taasifame tajaajila wal’aansa fayyaa idilee lammiilee miiliyoona 1.5 biraan gahuuf kaayyeffachuu dubbataniiru.

Waliigaltee nageenyaan booda kallattiiwwan maraan deeggarsi taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.

Qindeessaan Yeroo Godina Kaaba Lixaa Suuraafeel Ara’ayaa gamasaaniin, naannawichatti tajaajila yaala fayyaa fooyyessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeruun, deeggarsi taasifame kunis hojii kana kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.