Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lubbuu namoota fayyisuurratti xiyyeeffata- Dooktar Teedroos

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lubbuu namoota fayyisuu fi vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’aachurratti xiyyeeffaannoo akka laatuu Dooktar Teedroos Adhaanoom ibsan.

Daayreektarri olaanaan dhaabbaticha Dooktar Teedroos Adhaanoom saa’aatiin qisasa’uu hin jiru jechuun Fuula Twiitarii isaanirratti ibsaniiru.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp biyyi isaanii dhaabbatichaaf baasii waggaan baastuu akka adda kuttuuf murtoo daabarsuu isaaniin walqabatee biyyoonni garaagaraa yaadaa fi mormii dhiyeessaa jiru.

Chaayinaanis gocha Preezdaant Traamp mormuun deeggarsa dhaabbatichaaf taasiftuu cimsitee akka itti fuftu ibsiteerti.

Vaayrasii koroonaan walqabatee madda odeeffannoo dhugaa kan ta’ee Johan Hoopkins murtoo Traamp mormuun wayita weerarri hamaan mudate kanatti murtichi ergaa jibbisisaa kan dabarseedha jedhaniiru.

Gamtaa Awrooppaatti itti gaafatamaan dhimma alaa Jooseef Booreel gama isaanitiin, biyyoonni miseensota gamtichaa 27 deeggarsichi adda cituu isaatti daraan gadduu isaanii ibsaniiru.

Dhaabbatichi wayita ammaa weerara vaayrasii koroonaa to’aachuuf yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Komishinarri Komiishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat, hoji raawwachisaa olaanaan Maayikroo Sooft Biil Geet, dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa biroo murtoo Doonaald Traamp mormaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.