Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Kanaadaan Ityoophiyaatti deeggarsa tajaajjila fayyaa bu’uuraa guutuu danda’u taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Kanaadaan Ityoophiyaatti vaayrasii koroonaa waliin walqabatee, deeggarsa tajaajjila fayyaa bu’uuraa guutuu danda’u taasisaniiru.
Deeggarsichi Sadarkaa duraatti dandeettii fayyaa eeguu cimsuuf kan yaadame Doolaara Kanaadaa miiliyoona 9.9 dha jedhame.
Dabalataaniis, dubartoota, daa’immanii fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’aniif tajaajila fayyaa waliin gahuuf kan yaadamedha.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Booreeymaa Haamaa mootummaa Kanaadaa galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.