Dhaabbanni Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi FedereeshiniinUrjii Diimaa Ityoophiyaatti damee fayyaaf deeggarsa taasisuuf waadaa seenan
Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi FedereeshiniinUrjii Diimaa Ityoophiyaatti damee fayyaaf deeggarsa taasisuuf waadaa seenuu ibsame.
Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi Federeeshinii Urjii Diimaa akkasumas Preezdaantii Fannoo Diimaa Xaaliyaanii Firaansiiskoo Rookaa waliin mari’ataniiru.
Marichaan Ambaasaaddar Dammituun gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaaritti hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa hedduu barbadeessuu ibsaniiru.
Federeeshinichi deeggarsa walitti fufaa hanga ammaatti taasisaa tureef dinqisiifachuun gara fuulduraattis bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’etti deeggarsa isaa akka itti fufu gaafachuu isaanii ragaan Xaaliyaaniitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.