Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Deeggarsa Barnootaa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti damee barnootaa deeggaruuf qophii ta’uu ibse

Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Dhaabbanni Deeggarsa Barnootaa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti damee barnootaa deeggaruuf qophii ta’uu ibseera.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piiroofeesar Birhaanuu Naggaan Hojiiraawwachiisaa Olaanaa Dhaabbata Deeggarsa Barnootaa Idil Addunyaa Laawuraa Firajant waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti qulqullina barnootaa eegsisuuf hojiilee hojjetaman irratti Piroofeesar Birhaanuun ibsa taasisaniiru.

Qulqullinaa fi haqa qabeessummaa barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbanni Deeggarsa Barnootaa Idil Addunyaa damee barnootaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun, deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Laawuraa Firanjat gamasaaniin, Ityoophiyaatti waliingahiinsaafi babal’ina barnootaa irratti hojiileen hojjetaman bu’aa quubsaa argamsiisuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi  damee barnootaa Ityoophiyaa deeggaruuf dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa waliin mari’achuun deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.