Fana: At a Speed of Life!

Dhaabaa Haa Dubbisnu!-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC)- “Itiyoophiyaan qaroomina garaagaraa, naannawaa fi baroota garaagaraatti keessummeessiteetti. Hunduu sonaa biyyattiif arjoome qaba.

Haa ta’u malee, waggoota hedduuf sirna mootummaa fi akkaataa jireenyaa walfakkaataa keessa kan jiraataniidha.

Sirni jalqaba bara sana dagaage bu’uura dhugaa jijjiiruu waan hindandeenyeef, sirni mootummootaa baroota keessa xiqqaachaa, jireenyi hawaasaas duubatti deebi’aa akka dhufuuf sababa ta’eera.

Sirni siyaasa Itiyoophiyaa ammayya’aan jaarraa tokkoo hincaalle, gufuuwwan ilaalchaa kan itti heddummaatee fi boora’aa ta’uun, addunyaa ammayyaa keessaa duubatti akka hafnu nu taasiseera.

Ilaalcha walmakkaa fi irra jireessan ilaalcha alarraa waraabameen hogganamuuf tattaffii taasifameen, walakkaa jaarraaf Itiyoophiyaan raafamaa turtetti. Hoggantoonni ishee dawaa dhukkuba ishee hinfayyisneen wal’aanaa turaniiru.

Har’a dhibee ishee haalaan kan hubatuu fi qoricha dhibee ishee waarinaan furu barbaaddi.

Dhibeen keenya keessoo keenya waan ta’eef, daawaanis keessaa argamu qaba.

Daawaan dogoggoraa dhibee biroo akka itti hinfidne ifaajjaa turte.

Dhiphinaa fi gadadoo keessaa bahuu wayita barbaadde qoricha sirrii argattee hinbeektu.

Daawaan fudhatte dhibee dabalataa itti ta’uun baroota lakkoofsiseera.

Ida’amuun maaliif? Maaf amma barbaachise jennee haa gafaannu. Seenessi faallaan idaa malee eebba dhaalchisuu hindanda’u.

Seennessi ergaffannaan faayidaa qeenxee fi gareef malee ergama waloo fi biyyaalessaaf hinfayyadu.

Ilaalchonni ergifataman idaa dhalootaa dheeressuu malee bu’aa hinbuufne.

Seenaa fi qaroomina nama kakaasu qabaannus seenaan nama kakaasu sun badee, seenessiiwwan dhiiga dhangaalaasisanii fi biyya diigan gatii nu kaffalchiisaniiru.

Ilaalcha, karaa, seenaa haaraan barbaachiseera.
Idaa’amuun dhalate.

Addaa adda ba’uun kufneerra. Idaa’amuun, seenessii idaa seenessii eebbaatti jijjiiruuf idaa’amuun barbaachisaa qofa utuu hintaane dirqamas.”

Kitaaba Daani’eel Kibiret “Idaa fi Eebba Seenessii”, 2016, fuula 522-523.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.