Fana: At a Speed of Life!

Deeppoo Awutobisii Qaallitii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 90n ijaarame eebbiifame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2012 (FBC) – Deeppoo Awutobisii Qaallitii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 90n ijaarame guyyaa har’aa eebbiifame.

 

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa Deeppoo Awutobisii Qaallitii eebbisuun tajaajilaaf banaa godhaniiru.

 

Deeppoon kun tajaajila garaajii teeknooloojiin deeggarame, qulqullinaa fi dhiyeessi boba’aa akkasumaas gamoo bulchiinsa ammayyaa’a kan qabudha.

 

Yeroo takkatti lafaa olitti Awutobisoota 250 hanga 300 fi lafaa gaditti ammoo Awutobisoota 85 qabachuu danda’a.

 

Dabalataan, qulqulleessituu konkolaataa ammayyaa’aa 12, bakka boba’aan waraabamu 4 akkasumaas kaameraa nageenyaa kan qabudha.

 

Hogganaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinne Sixotaaw Akaalaa,
Hojii Gaggeessaa Magaalaa Finfinnee Injinar Awwaqa Haylee sirnicharratti argamaniiru.

 

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa Proojaktoota gurguddaa maallaqa guddaan hojjatamani tajaajilaaaf oolan hoggansi kun jalqabuu qofa otoo hin taane, kan jalqabame xummuruufi dursa kennuun hojjeechaa jirra jedhan.

 

Tajaajillii Geejjibaa Ambassaa fi Shaggar maallaqni guddaa itti bahaa jiru eenyuu akka tajaajilan waan hubannefi jedhaniiru.

 

Proojaktoonni gurguddoo fi haaraa hedduu qabna, jiddu galeessuummaan isaas namummaadha jedhan.

 

Kan tokko buqqisee kan biraa tajaajilu miti jedhan.

Dhiyeenyatti proojaktoota gurguddoo akka magaalaatti hojjatamaa jiran ni eebbifamus jedhaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.