Fana: At a Speed of Life!

Deenmaark filannoo biyyoolessaa gaggeeffamuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 1.5 laachuuf waliigaltee mallatteessite

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Deenmaark filannoo biyyoolessaa gaggeeffamuuf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5 laachuuf waliigaltee deeggarsaa mallatteessite.

Waliigalticha Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark Kaariin Paalsenii fi bakka bu’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Tuurhaan Saalh mallatteessaniiru.

Waliigaltichi ministirri Ministeera Tumsaa Deenmaark wayita Ityoophiyaa daawwatanitti waadaa kan galamedha.

Ambaasaaddar Kaariin Paalsen biyyi isaanii filannoon biyyoolessaa Ityoophiyaatti taasifamu nagayaan gaggeeffamuun, demokraatawaa fi iftoomina akka qabaatu kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Filannichi haqa qabeessaa fi bilisa akka ta’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee addunyaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsan.

Deeggarsichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaa Misoomaa Ityoophiyaatti demokraasii cimsuuf proojaktii gaggeeffamu raawwachiisuuf kan ooludha jedhameera.

Akka ragaan Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti Sagantaan Misoomaa Ityoophiyaa muul’isutti, proojaktichi bara Faranjootaa 2019 hanga 2022 humna boordichaa cimsuuf kan ooludha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.