Deenmaark Damee Qonnaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf murannoo qabachuu ibsite
Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) –Manni Maree Imaammata Misoomaa Deenmaark damee qonnaan Itiyoophiyaa waliin tumsan hojjechuuf murannoo qabaachuu ibseera.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amaanteen jila Dura Teessuu Mana Maree Imaammata Misooma Deenmaark Aan Meet Kiijariin durfamuu waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota Deeggarsaa fi michummaa damee qonnaan Deenmaark Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti itti fufu danada’anirratti mari’ataniiru.
Oomishaafi oomishtumman damee Qonnaa Itiyoophiyaa guddisuuf deeggarsa Deenmaarki taasiisaa jirtu Dooktar Girmaan galateeffataniiru.
Dooktar Girmaan, Dhiibbaa Jijjiramni qabeenyi qilleensaa damee qonnarraan qaqqabsisu hir’isuu fi sirreessuuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee jilichaaf ibsa taasiisaniiru.
Waggoottan 5’n darban hojiilee Ashaara magariisaan Biqiltuun biiliyoonni 32.78 dhaabamuu ibsaniiru.
Jillichis damee qonnaan keessattuu sagantaa Misooma Seeftineetiin , Kilaasteera Makanaayizeshinii Qonnaan, misooma magariisaan hojjetamaa jiraanirratti ibsa kennameef galatteeffachuun ,gara fulduraattis waloon hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.