Fana: At a Speed of Life!

Deenimaark Raayyaa Ittisaa Waloo Gamtaa Awurooppaatti makamuuf murteessite

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Deenimaark Raayyaa Ittisaa Waloo fi Poolisii Tika Nageenyaa Gamtaa Awurooppaatti makamuuf murteessite.

Murtoo uummataa guyyaa kaleessaa gaggeeffamen lammiileen biyyattii %67 Raayyaa Ittisaa Waloo fi Poolisii Tika Nageenyaa gamtichaatti makamuuf sagalee laataniiru.

Muummeen Ministiraa Deenmaark Meet Fireedeeriiksan ergaa deeggartoota isaaniif dabarsaniin, biyyattiin murtoo baayyee barbaachisaa ta’e dabarsuu ibsaniiru.

Gama biraan mormitoonni murtochaa  Raayyaa Ittisaa Waloo fi Poolisii Tika Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa biirookiraasii walxaxaan keessatti mul’atutti makamuun faayidaasaarraa miidhaan isaa kan caalu ta’uu ibsaniiru.

Haala yeroo naannichaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu ergama duulaa gamtichi gaggeessu keessatti humni waraanaa Deenmaark kan hirmaatu yoo ta’e yaaddoo biyyattii gatii kaffalchiisuu danda’a jedhuu qabaachuu CGTN  fi RTn gabaasaniiru.

Deenimaark miseensa biyyoota hundeessitoota NATO ta’uun ishee kan yaadatamudha.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.