Fana: At a Speed of Life!

Deenimaark Itiyoophiyaatti Misooma Qonnaa Gabaarratti Xiyyeeffateef deeggarsa akka taasistu ibsite 

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Sagantaa Misooma qonnaa Kilaasataraa Gabaarratti xiyyeeffate irratti Ambaasaaddara Deenimaark Suun Kiroostiraap waliin mari’atan.

Hojiirra oolmaan marsaa jalqabaa sagantaa kanaa deeggarsa mootummaa Deenimaarkiin gama Inistiitiyuutii Ce’umsa Qonnaan hojiirra kan oole yoo ta’u hojiirra oolmaa marsaa 2ffaarratti mari’ataniiru.

Dooktar Girmaa Amanteen,gahee Marsaan jalqabaa Misooma qonnaa Kilaasataraa Gabaarratti xiyyeeffate keessatti bahate eeruun, deeggarsa taasiseef mootummaa Deenimaark galateeffataniiru.

Ambaasaaddar Suun Kiroostiraap gamasaaniin, sagantichi naannolee hojiirra ooletti bu’aa qabatamaa fiduu ibsuun; marsaa 2ffaanis deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu kaasaniiru.

Marsaan jalqabaa naannolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Sidaamaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaafi Naannoo Giddugala Itiyoophiyaatti hojiirra kan oole yoo ta’u, marsaa 2ffaa keessatti naannoleen Beenishaangul Gumuziifi Somaalee hammatamuun eerameera.

Dooktar Girmaa Amanteefi Ambaasaaddar Suun Kiroostiraap, hojiilee yeroo itti aanutti hojjetaman irratti waliigalteerra gahuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.