Fana: At a Speed of Life!

Deeggartoonni misoomaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 3 gumaachuuf waadaa galan

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Deeggartoonni misoomaa fooyya’insa dinagdee biyya keessaaf kan oolu doolaara Ameerikaa biliyoona 3 gumaachuuf waadaa galaniiru.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad fuula feesbuukii isaaniin akka ibsanitti Deeggarsichis dhimmoota sadiif jechuunis maakroo Ikonomiif, caaseffamaa fi fooyya’insa seekterootaaf kan oolu ta’a jedhan.

Deeggarsi Kunis kan baankiin Adunyaa nu deeggare Doolaara Ameerikaa biliyoona 3 fi Kan dhaabbata maallaqaa Idil-adunyaa Doolaara Ameerikaa biliyoona 2.9 hin dabalatu jedhan.

Deeggarsa Gamtaan Arabaa fi Saawud Arabiyaas ni dinqisiifanna jechuu, Dhaabbata biyyoota gamtoomanii fi IBI irraas deeggarsa dabalataa ni arganna jennee abdanna jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.