Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi sagantaa nyaataa mannee barnootaaf taasiifamu itti fufa – Sagantaa Nyaataa Addunyaa

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Sagaantaa nyaataa manneen barnootaa mootummaan Ityoophiyaa eegaleef deeggarsa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu dhaabbanni Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiiseera.

Sagantaa Nyaataa Addunyaatti Daayreektarrii damee Ityoophiyaa Katiriin Fiiniiy Mootummaan Ityoophiyaa sagantaa nyaataa manneen barnoota jalqabuuf imaammataa fi tarsiimoo raggaasisuun isaa galateeffamuu qaba jedhan.

Sagantichi hirmaannaa barnootaa fooyyessuurra darbee ulaa koorniyaa jiru guutuuf gumaacha qabaachuu ibsaniiru.

Dhaabbanni sagantaa nyaataa addunyaa saganticha deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan sagantaa nyaataa addunyaa dabalatee dhaabbilee sagantaa nyaataa manneen barnootaa milkeessuuf tumsa taasiisan hunda galateeffachuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.