Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa beeksisa.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan ibsa har’a laataniin garee shorokeessaa ABUT gufuu guddaa ta’us deeggarsi namoomaa naannichatti taasifamu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Baatii Amajjii 2014 irraa eegalee deeggarsi qorichootaa fi nyaata madaalamaa xiyyaaraan dhiyaachaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Adeemsa kanaa keessatti ga’een mootummaa olaanaa ta’uu ibsameera.

Adeemsa dhiyeessii deeggarsa namoomaa keessatti garee shororkeessaa ABUT gufuu guddaa ta’us kutannoo gama mootummaa jiruun deeggarsicha waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Jiraattonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakkaa’aman gara naannolee ollatti baqachaa jiraachuu ibsuun deeggarsa namoomaa taasisuuf qorannoon lakkoofsa deeggarsa barbaadanii taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsa midhaanii ilaalchisee gama mootummaa rakkoon kan hin jirre ta’uu fi rakkoon waliin gahiinsarra kan jiru ta’uu addeessaniiru.

Deeggarsichi hanga barbaadame waliin akka ga’amuuf garee shororkeessaan ABUT tuttuqqaa akka dhaabuu fi bakkeewwan to’atee jiru gadi lakkisee ba’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Addisuu Muluunahtu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.