Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi namoomaa ariifachiisaan meetirik tooniin 500 naannoo Tigraayiin qaqqabe

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC)- Deeggarsi midhaan nyaata ariifachiisaan meetirik tooniin 500 naannoo Tigraayiin qaqqabuu Dhaabbanni Nyaata Addunyaa beeksiseera.

Geejjiba lafarraatiin deeggarsi namoomaa gara naannichaatti imaluun eegaluu hordofee bu’aan gaariin argamaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.

Guyyaa har’as deeggarsi midhaan nyaata ariifachiisaan meetirik tooniin 500 dhaabbatichaa fi qaamolee tumsiitoota waliin naannichaa qaqqabuun ibsameera.

Mootummaan naannoo Tigraayiitti deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufuuf dhuukaasa dhaabuuf murteessuun isaa ni yaadamata.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.