Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi bulchiinsi magaalichaa hawaasa Godina Booranaaf erge godinichaa qaqqabe

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Deeggarsi Bulchiinsi Maagaala Finfinnee horsiisee Bultoota Godina Booranaa hongeen miidhamaniif erge godinicha gaheera.

Deeggarsa Birrii miiliyoona 250 walitti qabame keessaa deeggarsi marsaa duraatiif ergame godinicha dhaqqabuu gorsaan kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarraa ibsaniiru.

Deeggarsi midhaan nyaataa fi nyaata loonii gosti gara garaa godinicha ga’uu eerameera.

Itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo Bulchiinsa Magaala Finfinnee fi jiraattoota yeroo murteessatti hawaasa horsiisee bulaa bira dhaabbatan galateeffataniiru.

Deeggarsi godinicha qaqqabes walharkaa fuudhinsi taasiifameera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.