Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi biyya keenyaaf taasifnu cimee itti fufa- Ityoophiyaanota Giriik jiraatan

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Ityoophiyaanonnii fi dhalatoonni Ityoophiyaa Giriik jiraatan lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisee Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Giriik magaalaa Ateens jiraatan waliin mariin gaggeefameera.

Deeggarsi maallaqaa lammiilee garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif taasisan cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Sosochii idil addunyaa #NoMore dhiibbaa biyyoonnii fi dhaabbileen lixaa Ityoophiyaarratti banan qolachuuf eegalamerratti hirmaannaa ho’aa akka taasisan ibsameera.

Waamicha gara biyyaa diyaaspooraaf taasifameef koreen hundaa’ee qophii ga’aan taasifamaa jiraachuu kaafameera.

Waamichicha fudhatanii biyyasaanii akka daawwatanii fi wayita gara biyyaatti galanis lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif waan deeggarsa ta’u qabatanii akka galan waamichi dhiyaateera.

Hirmaattonni marichaa gamasaaniin, bu’uuraalee misoomaa waraanaan barbadaa’an deebisanii ijaaruu fi lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf tattaaffii mootummaan taasisu maallaqaan kan deeggaran ta’uu fi maallaqa kara seera qabeessaan gara biyyaatti erguun biyyasaanii cina kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessuu ragaan Xaaliyaaniitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.