Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaas ta’ee eeggumsi nageenya lammiilee mariif hin dhiyaatu – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Mootummaan nageenya lammiilee mirkaneessuu fi tajaajila dhiyeessa deeggarsa namoomaarratti ergama heera mootummaan qabu ba’uuf murannoo qabaachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaas ta’ee eeggumsi lammiilee naannoo Tigraay mariif kan hin dhiyaanne ta’uu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Iddoolee hundatti lammiilee haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Midhaanii fi qorichaalee dhaabbilee deeggartootaan maqaa ummataan dhufan garee Shororkeessitootaan akka saamaman mootummaan hin eeyyamu jedhan.

Mootummaan haala raabsa deeggarsa namoomaa kan to’atu ta’uu dubbataniiru.

Kunis dirqama heera mootummaa ta’uu kaasuun, hojiin kun kutaalee biyyattii hundatti kan hojjetamu ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.