Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa maatii Artiist Haacaaluu Hundeessaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 1 miiliyoonni 41 ol baankii galuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Koreen olaanaan Deeggarsa Maatii Artiist Haacaaluu Hundeessaa sosochii hanga ammaatti jiru ilaalchisee ibsa laateera.
Koree olaanaan deeggarsa maatii falmataa mirga namaa fi gooticha Artiist Haacaaluu Hundeessaa gargaaruuf hundaa’ee hanga ammaatti deeggarsa qaamolee garaagaraarraa walitti qabamaa ture ifoomsera.
Waxxabajjii 22 bara 2012 wareegamuu Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Koreen olaanaa hundaa’ee hojiilee gurguddoo si’aayinaan gaggeessaa turu Itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastera Misooma Magaaloota Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.
Maalaqichi Hojjattoota Federaalaa, Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalatee Qamolee hawaasaa biyya keessa fi ala jiraatan irraa kan walitti walitti qabame ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaa naannoo Oromiyaarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 35 fi kumni dhibbi 34 ol, Magaalaa Finfinneerraa Birrii miiliyoonni 4 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 44 fi 586, hojjettoota mootummaa Federaalaarraa Birrii kumni dhibbi 8 fi kumni 11 fi 417 walitti qabamuu korichi ibsa laateen himeera.
Waliigala Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyyoonni 41 fi kumnni dhibbi 3 fi kumni 3 Baankii galuun gara maatii darbee jedhan walitti qabaan Faayinaansii korichaa obbo Dhaabaa Dabaleen.
Birrii miiliyoonni 26 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 49 kallattii garaagaraan walitti qabamuun qophii adda addaaf ooluu fi maatiif galii ta’uu himaniiru.
Obbo Dhaabaa Dabaleen qaamolee hirmaannaa olaanaa taasiisaa turan hunda galateeffataniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.