Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa Fandii giloobaalii irraa argameen hojiin ittisaa fi to’annoo dhibeewwanii milkaa’inaan gaggeeffameera-MF

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Deeggarsaa Fandii Giloobaalii irraa argame Dooolaara Miiliyoona 453’n hojiin ittisaa fi to’annoo dhibeewwan HIV, Busaa fi Tiibii akkasumas sirna fayyaa cimsuun bu’aa jajjabeessan galmaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Waltajjiin mariin qorannoo ittisa dhibeewwaniirratti bu’aalee argaman babal’isuu fi rakkoolee mudatan waarinaan furuuf kaayyeffate gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan haasawaa taasisaniin, mootummaan Itiyoophiyaa sirna fayyaa cimsuuf hojiilee gaggeessuu Fandiin Giloobaalii deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsan.

Dhibeewwan HIV, Busaa fi Tiibiij ittisuuf fi to’achuuf hojiilee raawwatan irratti deeggarsa taasisuu fi gumaacha taasiseef galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.