Fana: At a Speed of Life!

Deebiin gaaffii gurmaa’iinsaa misoomaa fi guddina ummataaf malee hannaaf mijataa ta’uu hinqabu-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Deebiin gaaffii gurmaa’iinsaa, misoomaa fi guddina ummataaf malee hannaaf mijataa akka hintaane hunduu hirmaachuu akka qabu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar hubachiisan.

Obbo Aganyawu Tashaagar, akkaata heerii mootummaa eeyyaamuun godinaalee ja’a fi aanaaleen addaa shan naannoo tokko ta’uuf akkataa waliigalaniin Naannoon Kibba Ityoophiyaa hundeeffamuu dubbatan.

Yaa’ii hundeeffamaa har’a geggeeffameen beekkamtii heera mootummaa argachuun Naannoo 12ffaa ta’uun hundaa’uu ibsaniiru.

Naannichaaf baajatni haaraan mootumma federaalaa irraa kan hinramadamne waan ta’eef hojiilee misoomaa bal’aa hojjechuu fi maddeen galii bal’isuun ittigaafatamni waloon misoomsuu naannichaa kan hoggansaa fi ummataati jedhan.

Deebii argachuun gaaffii gurmaa’inaa misoomaa fi guddina ummataaf malee hannaaf mijataa akka hintaane hunduu hirmaannaa taasisuu akka qabu akeekaniiru.

Kanaan boodas, deebin waan argameef misoomaatti fuula naanneffachuun gaaffileen ummataa deebii akka argatan hoggantoonni naannichaa filaman ummata waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Maatusaalaa Maatiwoostu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.