Fana: At a Speed of Life!

Deebii gaaffii naannoo ta’uu karaa nagaan argachuuf socho’uurra dhimmicha gara jeequmsaa fi hokkoraatti fudhachuuf qaamolee socho’anirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) –Gaaffiin naannoo ta’uu karaan nagaan furmata argachuu osoo danda’uu dhimmicha madda jeequmsaa fi hokkoraa taasiisuuf qaamolee yaalanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Humni waloo tikaa fi nageenyaa beeksiise.

Humnichi ibsa miidiyaaleef ergeen mootummaan gaaffii naannoo ta’uu yeroo adda addaatti naannoo Sablammootaa fi Ummattoota Kibbaa ka’uuf akkaataa heera mootummaa biyyattiin deebii laachuuf hojjechaa jiraachuu himeera.

Haa ta’uutii, qaamoleen tokko tokko gaaffii seeraa dahoo godhachuun jeequmsaa fi hokkora uumuuf qophaa’aa akka jiraachuu hordoffii taasifamaa jiruun bira ga’amuu isaan, tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu ibseera.

Mootummaan naannoo Uummattoota Kibbaa godinaalee jalatti argaman bifa haaraan gurmeessuuf sochii taasiisaa jiraachuu ibsichi eereera.

Godinni Geedi’oos bifa haaraan kanneen caaseeffaman keessaa tokko yoo ta’uu, hirmaannaa ummataan mirkaneessuuf sanadni qophaa’uun jiraattoota godichaa waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Yaa ta’uutii gaaffiin naannoo ta’uu furmaata yoo hin arganne gaafficha humnaan ni raawwachiifna jechuun qaamoleen gurmaa’anii socho’aa jiran jiraachuu ragaa qabatamaan jiraachuu humni waloo kun mirkaneesseera.

Qaamoleen gurmaa’an kunneen karoora diigumsaa isaanii galmaan ga’uuf fuula miidiyaa hawaasaa sobaa banuun odeeffannoo sobaa fi kalaqaa tamsaasuun hawaasa burjaajessuuf yaalaa akka jiran ibsichi eereera.

Qaamolee kaayyoo badiif gurmaa’aan kanneen adda baasuun hordoffii taasiisaa jiraachuu ibsuun, ergama badii kanarraa akka of qusatan hubachiiseera.

Namoota dhuunfaa fi gareen gurmaa’uun socho’aa jiran kanneenirratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu humni waloo kun hubachiiseera.

Qaamolee dhoksaan gurmaa’an kunneen karooraa badiisaa milkeessuuf miidiyaalee hawaasummaa sobaa banuun odeeffannoo waldhahaa tamsaasaa jiraachuu kan eere humni waloo kun, hawaasnis odeeffannoo sobaan burjaajaa jiraachuu ibseera.

Qaamolee kanneen namoonni dhuunfaa gurmeessanii fi gareewwan kunneen mana manatti deemuun kakaasii uumaa jiraachuu bira ga’uu ibseera.

Humni waloo kunis gochaa kana keessatti namoota dhunfaa fi gareewwan gurmaa’anii socho’an caasaa tikaan addaa baasuun hordoffii taasisaa jiraachuu himuun, ergama badiisaa kanarraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Kanneen seera darban irrattis tarkaanfiin barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Hawaasni godinichaa irra jireessi, gochaa qaamolee sochicha taasisa jiranii sirrii akka hintaane amanuun, qaamolee nageenyaa fi tikaaf eeruu kennuun, ergamni hokkaraa fi jeequmsa akka fashaleessuuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsa baaseen himeera.

Fuulduratti, hawaasni gochaalee badiisaa akkanaarraa of qusachuun haalota shakkisiisoo wayita argu qaamolee mootummaaf eeruu kennuun nageenya naannawaa mirkaneessuuf gahee gama isaanii akka bahataan Humni Waloo Tikaa fi Nageeyaa Federaalaa gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.