Dawaaleen ajaja ogeessaan ala fudhataman rakkoo fayyaa hordofsiisaa jiru jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Ajaja ogeessa fayyaatiin alatti dawaaleen fudhataman, jarmoota dhibee fidanitti madaquun rakkoo fayyaa uumaa jiraachuu ibsame.
Guyyaan farraa jarmootaa sadarkaa biyyaalessatti yeroo 10ffaa sirnoota garagaraan kabajameera.
Preezdaantiin Waldaa Ogeeyyii Faarmaasii Ityoophiyaa Obbo Tasfaayee Seefuu, jarmoonni dawaan walbaruun biyyoota guddachaa jiranitti kan mul’atu ta’uu himaniiru.
Akkasumas biyyoota guddatanitti rakkoon kun babal’achaa jiraachuu ibsani, rakkoon kunis adda durummaan ka’umsa dhibeewwan weeraroo ta’aa jira jedhaniiru.
Rakkoon kun yaaddessaa ta’uu fi dhimma kanarratti hubannoo hawaasaa gabbisuun akka barbaachisu eeraniiru.
Ittaanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaalee Obbo Siyyum Waldee, Ityoophiyaatti dawaaleen %50 ta’an ajaaja ogeessa fayyaan ala kan fudhataman ta’uu qorannoon mirkanaa’uu eeraniiru.
Rakkoon kun nama qofaarratti utuu hintaane itti fayyadama dawaalee beeyladootaaf kennamu irrattis akka mul’atu ibsanii, kun ammoo bu’aalee beeyladootaarratti rakkoo uumaa jira jedhaniiru.
Dhibeewwan %60-80 ta’an dhibeewwan daddarboo waan ta’aniif, muuxannoon dawaalee tilmaamaan fudhachuu namootaa babal’achaa jiran eeran.
Kun ammoo dhibeewwan dawwaleen walbaruuf sababa ta’aa jiraachuu himu.
Waajjirri abbaa taayitichaa rakkoo kana salphisuuf sirna to’annoo cimsaa jiraachuu eeraniiru.
Sadarkaa yaaddoo dhimmichaa hir’isuuf abbaan taayitichaa qofaaf qooda dhiifamu waan hinteeneef, qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi walta’iinsaan ittisuu qabu jedhaniiru.
Dawaalee jarmootaan walbaruu ittisuun yoo hindanda’ame bara faranjootaa 2050’tti ummanni miiliyoona 10 du’aaf saaxilamuu akka danda’uu raagni fayyaa ni mul’isa.
Maddi :-TOI
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.