Dargaggummaan umrii jijjiiramaa fi ijaarsa biyyaaf hojjetaniidha – Dooktar Eergoogee Tasfaayee
Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Dargaggummaan umrii jijjiiramaa fi ijaarsa biyyaaf hojjetan ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaan Dooktar Eergoogee Tasfaayeen ibsan.
Feestivaalli Olka’iinsa Dargaggootaaf jedhu qaamoleen garaagaraa waloon qopheessaan har’a Galma Barkumeetti jalqabeera.
Dargaggummaan umrii milkaa’ina boruuf namuusaa gaariin itti tattaafatan ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaan Dooktar Eergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Mootummaan Dargaggootaaf xiyyeeffannoo laachuun imaammataa fi tarsiimoo dargaggootaaf mijatu qopheessaa jiraachuu ibsaniiru.
Dargaggoonni nageenyaaf xiyyeeffannoo laachuun humnoota badiirraa of qusachuu akka qaban ibsaniiru.
Feestivaalichi hariiroo dargaggootaa cimsuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.
Dargaggoonni magaalota biyyattii hundarraa walitti baba’an kuma 10 ol ta’an Feestivaalicharratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.