Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota tajaajila tola ooltootaa biyyaalessaaf Yuunvarsiiti Arsiitti leenjiin laatamaa jira

Finfinnee, Amajjii , 2013 (FBC) –Dargaggoota tajaajila tola ooltootaa biyyaalessaaf Yuunvarsiiti Arsiitti leenjiin laatamaa jira.
Leenjichi guyyoota 45f kan turu yoo ta’u, dargaggoonni Koolleejjii fi Yuunvarsiitii biyyatti hunda keessaa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Leenjichis gochaa fi barnoota yaadaan ni laatama jedhame.
Leenjichi ga’umsaa fi ogummaa dargaggootaa giddisuuf kan karoorfame ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaa Kamiil viidiyoo konfaransiin ergaa dabarsaniin himaniiru.
Dhaloota qaruu fi ijaaruuf kaayyeffamee leenjii qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin laatamus siyaasa addunyaa kamiiyyuurraa bilisa kan ta’eedha jedhan.
Wayita leenjichaa sosochii qaamaa, waliigaltee biyyaalessaa, ijaarsi biyyaa, wal jijjiirraan aadaa, seenaa qajeelchuu fi eebbifamtootaaf carraa hojii uumurratti xiyyeeffachuun kan laatamu ta’uu eeraniiru.
Leenjiin kanneen fakkaatan yeroo itti aanu sadarkaa sadarkaan kan laatamu ta’a jedhan.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.