Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota murna ABO Shaneetti makamanii gammoojjii fi bosona keessa socho’aaniif waamicha dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaan dargaggoota murna shororkeessaa ABO Shaneetti makamanii gammoojjii fi bosona keessa socho’aaniif waamicha dhiyeesseera.
 
Tibbana dargaggoonni murna shororkeessaa ABO Shaneetti makamanii gammoojjiifi bosona keessa socho’aa turan dogongora seenaa sochii baandummaa fi gantummaa murnichaa keessatti hirmaachuutti gaabbanii deebi’uu eegaluu isaanii ibseera.
 
Dargaggoonni shira dhokataa murna shororkeessaa ABO shanee osoo hin hubatin waliin socho’aa turan gaabbanii deebi’uun mootummaatti harka kennachuun sirrii ta’uunis hubatameera.
 
Murni badii ABO Shanee kun waliigaltee dhokataa karaa warra qondaaltota murnichaa ofiin jedhaniitiin ABUT waliin qabaachaa tures amma ifa baafateera.
 
Dargaggoonni shira dhokataa ture osoo hin beekin murna kanatti makamanii socho’aa turan humna diigumsa biyyaa fi walfixiinsa ummataarratti karoorfatee hojjechaa jiru kana ganuudhaan gara ummata isaaniitti deebi’uurratti argamu.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa nama hojii badii murna shororkeessaa kanaa hubate kamiifuu ammas gaabbuu fi deebi’uuf yeroon kan hin dabarre ta’uu irra deebiin yaadachiisuu barbaada.
 
Dargaggoonni murna kana gantanii karaa nagaa harka kennachuu barbaaddan dhiibbaa keessaa fi alaa kamiifuu osoo hin jilbeenfatin qaamolee nageenyaa fi mootummaa naannawaa keessanitti argamanitti akka harka kennattanii fi ummatatti akka makamtan waamicha dabarsina.
 
Kanuma faana, tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabachiisuu gantootaa fi shororkeessitoota ABO Shaneefi ABUT fudhatamaa jiru cimee kan itti fufuu fi awwaalcha isaanii kan ariifachiisu ta’uu ibsi Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa baase ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.