Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota miiliyoona 2 fayyadamoo kan taasiisu Proojektiin ‘Olkaa’iinsa’ jedhamu ifatti eegalame

Finfinnee,Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Dargaggoota miiliyoona 2 fayyadamoo kan taasiisu Proojektiin ‘Olkaa’iinsa’ jedhamu ifatti eegalamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiiseera.
Proojektichi deeggarsa maallaqaa Doolaara miiliyoona 60 dhaabbilee deeggarsa Ameerikaa irraa argameen gama dhaabbata ‘Amreef Heelzii Afrikaa’ jedhamuun hojiitti kan hiikkamu ta’uu ibsameera.
Dhaloota dhufu dhiibbaa idaarraa baraaruun damee hundaan hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Proojektichi waggoota 5f magaaloota naannolee 18 keessatti hojiitti kan hiikamu ta’uu himaniiru.
Sagantaa eegalchiisuu Proojektii Paarkii michummaatti gaggeeffamerratti hoggantoonni mootummaa federalaa, naannolee Ityoophiyaatti Imbaasii Ameerikaa fi qooda fudhattoonni garaagaraa argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.