Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota dinaagdeen of danda’aan harochuuf hojjetamaa jira – BDIO

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Dargaggoota dinaagdeen of danda’aan harochuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa beeksiseera.

Magaalaa Asallaa fi Godina Arsiitti konfiraansiin Dargaggootaa 14ffaan gaggeeffameera.

Konfiraansichi mata duree”Dargaggootni Anniisaa Jijjiiramaa Utubaa Biyyaafi Abdii Egereeti!”jedhuun kan gaggeeffame yommu ta’u dargaggootni Magaalaa Asallaa fi godinichaa hirmaataniiru.

Dargaggootni konfiransichaa irraatti hirmatan rakkooleen akka magaalichaatti dargaggootatti hudhaa ta’an akka furaamuuf gaafatanii jiru.

Dargaggootaaf haala mijataa uumuun dinaagdeen akka of danda’aan hojjetamaa jiraachuu kantibaan magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagayyee fi Bulchaan Godina Arsii Obboo Ibraahim Kadiir dubbataniiru.

Dargaggoota ilaalcha eeggatummaa keessaa ba’uun hojii ummatee namoota biroo qacara danda’u hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Hoogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dasaaleenyi Xilahuun ibsaniiru.

Midhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.