Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota barumsa isaanii addaan kutaniif mootummaan carraa hojii uumuufif hojjechaa akka jiru ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Dargaggoota barumsa isaanii addaan kutaniif mootummaan carraa hojii uumuufif hojjechaa akka jiru ifoomse.

 

Haaluma kanaan barattoota kutaa 8 hanga 12tti baratanii barumsa isaanii addaan kutan dargaggoota 400 gara hojiitti galchuuf carraan hojii jalqabaa akka kennamuuf himame.

 

Carraa hojii uumuu marsaa jalqabaa kanaan Doolaraa Ameerikaa kuma 500 ramaduu Ejansiin Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa Magaalootaa federaalaa ibseera.

 

Kayyoon Proojaktichaas dargagoonni akka of danda’anii maatii isaanii fi biyya isaaniif bu’a guddaa akka buusaniif carraa guddaa ta’uu ejaansichatti saaftineetiin misooma magalootaa kan ta’an obbo Dabbabee Baruudi ibsaniiru.

 

Proojaktichaanis dargaggoota kumaa 100 ta’an gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jira jedhameera jechuun Addis Miidiyaa Neetwoorkiitu gabaase.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.