Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota Ayyaana Damaraa fi Irreechaarratti nageenya kabachiisan kuma 310 oliif bobbiin kennamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dargaggoota Ayyaana Damaraa fi Irreechaarratti nageenya kabachiisan kuma 310 oliif bobbiin kennamuu Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii magaalichaa ibseera.
Ayyaanonni kunneen duudhaa Amantaa fi aadaa eegee akka kabajamu dargaggoonni qindoominaan nageenya akka kabachiasan bobbin kennamuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee Tasfaayee Dindir ibsaniiru.
Haala kabaja Ayyaana Damaraa fi Irreechaa ilaachisee dargaggootaa fi Maatii Ispoortii waliin mariin itti fufiinsa qabu taasiifamuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Obbo Daawwit Tirfuun ibsaniiru.
Magaalichatti ayyaanonni kunneen karaa nagaan akka qabajamu humni Waloo Nageenyaa hundaa’uun hojiitti galamuu eeruu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.