Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota 489 shaakala hojii jalqabsiisuuf leenjiin ogummaa Jireenyaa marsaa jalqabaa xumurame

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC)- Mootummaan Federaalaa Baankii Addunyaa waliin ta’uun wabii nyaataa magaalotaa fi proojektii hojii shaakala hojii dargaggoota 489 leenjiin ogummaa Jireenyaa cimsachuu  marsaa jalqabaa guyyoota 10’f kennamaa ture xumurame.

Proojektichi dargaggoota  sababa garaagaraan barnoota isaanii addaan kan kutanii fi hojii hin qabne irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi leenjifamtoota keessaa %60 dubartoota ta’uu ibsameera.

Dargaggoonni kunneen wayita shaakala hojii ga’umsa yoo argisiisan kan qacaraman ta’uu Ministeera Hojii fi Kalaqaatti Ministir Deetaan damee Bobbii hojii fi Gabaa obbo Nigusuu Xilaahuun xumura leenjichaarratti argamuun ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti dargaggoota 700 ol hojii shaakalchiisuuf dhaabbileen dhuunfaa 99 eeyyamamoo ta’uu isaaniif obbo Nigusuun galateffataniiru.

Dargaggoonni kunneenis shaakala isaanii haalaan hordofanii xumuruun obboleeyyan isaanii biroof fakkenya ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Wayita shaakalaatti ministeerichi isaan faana jiraachuu mirkaneessuun qaamolee leenjicha deeggaran hunda galateeffataniiru.

Leenjichi waggoota shaman ittaananitti magaalota 11 keessatti dargaggoota kuma 70 leenjisuun carraa hojii uumuuf haala kan mijeessuu fi magaalaa Finfinnee qofaatti dargaggoota kuma 49’f carraa hojii kan uumu ta’uu ragaan Ministeera Hojii fi Kalaqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.