Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonnii fi ummanni Oromoo Juuntaa awwaluuf qooda isaa akka ba’u gaafatame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa dargaggoonnii fi ummanni Oromoo marti Juuntaa awwaluuf qooda isaa akka ba’u waamicha dhiyeesse.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Dargaggoonni Oromoo Ityoophiyaanoota biroo waliin ta’uun qabsoo qaalii gageessen injifannoo argate golguuf Juuntaan ergamtoota isaa waliin hojjechaa jiraachuu obbo Fiqaaduun ibsaniiru.
Juuntaa du’uuf qarreerra jiru awwaaluuf dargaggoonni Oromoo ummata naannolee biroo waliin ta’uun naannoo isaa eeggachuu akka qaban waamicha isaaniiru.
Baandaa biyya keessaa qulqulleessuuf qaamolee nageenyaaf ragaa sirrii ta’e laachuun diina Ityoophiyaa diiguuf abjootaa jiru qolachuun ga’ee hundaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dargaggoonnii fi Ummanni Oromoo deeggarsa Raayyaa Ittisaaf taasiisaa turan cimsuu akka qaban gaafataniiru.
Obbo Fiqaaduun dargaaggoonni Oromoo Raayyaa ittisaatti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen kun diina ummata Ityoophiyaa maraa ta’uu hubachuun qabsoo cimaa taasiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Adeemsa kana keessatti ummanni Oromoo waan irraa eegamu taasiisuu akka qabu gaafataniiru.
Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.